Monday, January 2, 2017

Namni waliin diinaatti duulla jedhu walirratti duulaa diinarratti duuluu hin dande’u

Walnyaataa dinaa nyaachuun walnyaachisuudha!
Wanti biyya Egypt magaalaa Kaayirotti ta’aa tureefi jiru, akkasumalle wanti miidiyaa hawaasaa irraan Oromoonni diyaaspooraa oofaa jiran kun waan hedduu nama gaddisiisaati. Yoo akkanaan itti fufne, dogongora seenaa guddaa waraanni Jaarraa Abbaa Gadaatiifi Addi Bilisummaa Oromoo wal-lolaa, dargiifi Somaaleenis lolaa, Woyyaaneenis lolaa saffisuu dadhabanii dhiibbaa qabsoo bilisummaa Oromoo rincicciisetti deebi’uuf deemna.

Dogongora seeneerraa maaliif hin barannee? Safuu Oromoo maaliif dagannaa? Xiqqaan maaliif guddaa hin kabajne? Guddaan maaliif xiqqaa hin kabajnee? Jaarsi maaliif jaarsummaan irraa godaanee? Daa’imni barcumaa jaarsaarra taa’ee maaliif jaarsa jalaa ka’uu dide? Oromoon jaarsa maaliif dhabee? Maaliif beekaafi wallaalaan walmakee, hayyuufi gowwaa adda baafachuu wallaallee? Maaliif kabajjaan angafaafi quxusummaa/maandhummaa Oromoo jidduu bade? Woyyaaneen qawween lolti nuuti qawwee dhiisnee maaliif interneetiifi face book lollaa? Hoggansi dhaaba siyaasaa biyya faranjii taa’ee  riimootiidhaan qabsoo gaggeessuu waan hin dandeenneef maaliif biyya farajjii taa’ee qabsoo gaggeessa jedhaa…?
Yaadaa falaa:
1.    Rakkoo dhaabilee Oromoofi hawaasa Oromoo jiduuti muldhatu qaamni walabaa-jaarsoliin Oromoo, abbootiin gadaatiifi abbootiin amantaa furuu qaban. Rakkoon dhaabbilee siyaasaa Oromoo jiddutti dhalatte hawaasaalee Oromoo biyyoota alaa jiran keessa seentee jirti. Rakkoo kana kan furuu danda’u maangudoota Oromooti yoo ani yeroo hedduu jedhu, namoonni tokkoofi tokko, “Oromoon maanguddoo hin qabu, maanguddoon Oromoo maangudummaa qaban hedduun hin jirtu…” yoo jedhan dhaga’a. Yoo dhugumaan maanguddoo yookiin jaarsaa biyyaa of keessaa dhabne jiraanne badneerra dafnee of to’achuu qabna. Maanguddoon Oromoolle badii seenaa kana jalaa of baasa. Oromoolle manguddoo keessan maanguddoomsaa, jaarsa keessan jaarsomsa. Hayyuu keessan hayyoomsa…   
2.   Namoonni biyya alaa jiran siyaasaa biyya alaatti hoogganuu dhiisuu: namoonni biyya alaa jiran qabsoo bilisummaa Oromoo deeggarsaa maallaaqaatiifi dippoloomaasii hojjachuun hojii siyaasaa worra biyya keessaa hojjatu ykn worra bosona Oromiyaa keessaa lolanuuf dhiisu. Woraana biyya alaatti osoo hin taane, Oromiyaa keessatti ijaaruu…
3. Dhaabbileen siyaasaa Oromoo kaayyoo tokko irratti waliigaluu- yoo xiqqaate bilisummaa uummata Oromoo irratti walii galuu, (bitaanis yaabanii mirgaanis yaabanii walgayiin kooruma) jechuun yaadaa wolitti dhihaataa irratti wolii galuu. Yoo danda’ame, dhaabileen siyaasa Oromoo hundi tokko ta’u, yoo ta’uu dhabaatelle namuu karaa itti fakkaateen haa itti fufuutii, waldura dhaabachuun mogolee walbuusuun hafuu qaba…” Garuu tooftaan qabsoo gara garaa yoo yaadamelle, dhaabbileen warana adda addatti ijaaruu fedhan miidhaafi bu’aa isaa sirriti itti yaaduun barbaachisaa akka ta’e hubachu. Obboleessi gowwaan loon obboleessaa silmii (balqii) itti dhiisee yoo obboleessi du’e doomaa (sa’a muchi duude) dhaala” dubbii maammaaksaa akka hin taane, dhaabni qabsoo Oromoo hundinuu akka qabsoo Oromootti beekamtiifi kabajaa kennuuf. Tooftaaleefi sagantaa siyaasaa irratti waldhabuufi waldura dhaabachuu dhiisu. Injifannoon gama hundaan argameefi argamuuf deemu, injifannoo uummata Oromoo hundumaa gochuun ilaaluu…
4.  Garaa garummaafi waldhabbii xiqqoo Oromoo jidduu jirtu Woyyaaneen naqarsa taatee, akka madaa naqarsaa keessaa seenuun addaan nu facaastee qabsoo Oromoon finiinsee itti jiru kana fashalchisiisuuf halkaniifi guyyaan akka hojjachaa turteefi jirtu dagachuun walnyaachisuudha. Badii Oromoo irra gaheef sadarkaa duraa irratti Oromoo shakkuu osoo hin taanne, diinaa Oromoo shakkuun barbaachisaadha. Woyyaaneen yeroo yerootti ajandaa nuuf uumtee qabsoo nu dagachisiisuuf yaalii akka gootuufi hedduun namaa ajandaa diinonni Oromoo jiddutti uuman hafarsaa qabsoo Oromoo awwaaressuu dhaabu. Tooftaalee qabsoon taasiseefi taasisaa jiru, akkasuma taasisuuf jiru karaa miidiyaalee gara garaatiin himuu dhiisuu…
5. Siyaasa amantaa irraa fageessuu, akkasuma amantaalle siyaasa biraa fageessuu…
6.   Naannummaa irraa bilisa ta’uun Oromummaa qofaan ijaaramuu…
7.   Xiqqaan guddaa kabajuu, guddaan xiqqaa kabajuu…
8. Akka aadaa Oromootiin hayyuu hayyoomsuu: Namni hayyuu jedhamelle, kabajaa ofii isaatiifi kan nama biraalle eegatee hayyummaa isaa eeggachu. Hayyuu kan hayyoomsu beekaafi wallaalaa; akkasuma hayyuu namni jedhamelle beekaafi wallaalaafile kabajaafi yeroo qabaachuu….
9.   Social media  (miidiyaa hawaasaa) diina Oromoo ittiin abaaruu malee Oromoofi Oromoon ittiin wal-abaaruu dhiisu….
10.Lammiirraa baqachuun orma jala galuu dhiisu: Mammaaksa, “ormi gaafa kolfaa, firri gaafa golfaa” jedhu yaadachuun hamaafi tolaa ofirrattis duuluu dhiisu…
11.Haafuura biyya alaatti akka qufaa Oromoo killisiisee yaadaan qufaasisaa jiru kana akkuma inni biyya alaatti dhaamu gochuu malee, gara Oromiyaatiifi gara olla Oromiyaatti akka hin galle yeroodhaan talaaluu ykn kittibaatii kennanii fayyisuu…
12.  Miidiyaa guddaa Oromoo kan fedhiifi bilisummaa Oromoo irratti hojjatu ijaaruu, kan jiran jabeessuu; kan biraalle hundeessu. Miidiyaaleen Oroomoo jiran kunnee Oromoo Oromoo akka urgaawan gochuun akka inni kutaalee Oromiyaa Boorana, Gujii, Arsii, Ituufi Humbana, Tuulama, Macca, Walloofi kkf of itti hirmaachisiisuun kutaalee Oromoo hundumaa abbummaan akka itti dhaga’amu gochu…
13.Waraanaa gara garaatti ijaaruufi kaayyoo gara garaa faranjootatti yookiin hawaasa addunyaatti himuu dhiisuu. Kaayyoo Oromoo tokkorratti walii galuun itti cichuu….
14.Yeroo amma dhiigni Oromoo akkuma bara Minilikiitti dhangala’aa jiru kanatti, garaa garummaa xiqqoo dhiisuun dhiiga qeerroofi ilmaan Oromoo galmaan gahuufi akkasuma gumaa baasuun bilisummaa fiduuf bakka tokkotti dhufu…
15.Olala diyaaspooraan Oromoo karaa miidiyaa hawaasaatiin wolirratti oofaa jiran Woyyaaneen biyyatti sagantaa dokumentarii irratti hojjattee uummata Oromootiifi qeerroo Oromoo biyyatti ittiin hamilee cabsuuf halkaniifi guyyaa waan hojjataa jirtuuf, namoonni Oromoo taatanii Oromoo irratti ololtan osoo hin beekin wallaalchaan Woyyaaneef akka miindeffatanii hojjataa jirtan bartanii gocha kanarraa dhaabachuu...

16.Siyaasaa namoota siyaatiif dhiisu. Yeroo hedduu siyaasaa karaa miidiyaa hawaasaatiin oofan irratti kan wal-lolaa jiran irra jireessi namoota siyaasaatii miti. Namoonni of mudhisuuf, akkasuma yaada dhuunfaa isaanii irratti namoottaan walitti bu’uun daboo wal-arrabsuu karaa pal talk tiin walitti banuun beekaman, amma gama face book tti asi gara galanii jiran kunneen gocha kanarraa dhaabachu…     

No comments:

Post a Comment